|
Waa’ee tajaajila keenyaa baruuf gara
fuula kanaa waan dhuftaniif gooftaan isin ha’eebbisu.
Barri Kun
yeroo kam caalaa yeroo Waaqayyoof dhugaadhaa fi hafuuraan itti
sagadaniidha. Yhn 4:23
Akkasumas
yeroo itti guutummaa ofii Waaqayyo durratti aarsaa qulqulla’aa godhanii
dhi’eessaniidha. Rom12:1
Hawwiin
keenya yeroo hundumaa, bara hundumaa fi iddoo hundumaatti Waaqayyo
ulfaatee, kabajamee fi waaqeffamee arguudha. Kanaaf waaqeffannan keenya
guutuu fi mudaa kan hin qabne aarsaa gaarii ta’ee yeroo hundumaa
Waaqayyoof dhi’eeffamuun inta’a.
Ministriin
Suraafel toorrii fi sirni waaqeffannaa kan hirrinaa fi mudaa of keessaa
hin qabne hafuura gaarii fi haala qinda’aadhaan akka qixaa’ee waldoota
hundumaa keessatti diriiruuf waldoota barsiisuu, gargaaruu fi wajjin
hojechuuf dhimma.
Waldaan
keessan mullata kana irraa waan bu’aa argatu yoo isinitti fakkaate nu
quunnamaa.
|