Tajaajila
Waaqeffannaa
“Yeroo itti warri dhuguma sagadan, hafuuraa fi dhugaadhaan abbaadhaaf
sagadan garuu in dhufa; innis amma iyyuu ga’eera. Abbaanis warra akkasitti isaaf
sagadan in barbaada.” Yoh. 4:23
Suraafel Ministriin
waaqeffannaa fi muuziqaa, wangeela karaa waaqeffannaa fi muuziqaa namoota biraan
ga’uu fi hojii lubbuu qaqabuu hojechuuf kan dhaabatee dha. Gooftaan hojii fi
adaraa kana nutti kennatee akkasumas nu abboomee waan adeemeef, waamichaa fi
abbommii kana irra dhaabachuudhaan kennaa, dibataa fi ayyaana nuu kennameen
hojii kana bakkaan ga’uun dirqama nama waamicha qabu tokkooti.
Inni,“Gara biyya lafaa
hundumaa dhaqaa! Uumama hundumaattis
wangeela lallabaa! …” isaaniin jedhe. Mk 16:15
Kana irratti hunda’uudhaan misiraachoo wangeelaa kana
faarfannaa fi muuziqaadhaan namoota biraan ga’uuf akkasumas namoonni gara dhugaa
fi hafuuraan waaqefachuutti akka guddataniif barsiisuu fi jajabeessuu irratti
hojetta.
|